Hubibsoo Milkaa’inaafi Mashaqqaa Barnoota Afaan Oromoorratti (1991- 2016)
Keywords:
Afaan barachuu, afaaniin barachuu, mashaqqaa, milkaa’inaAbstract
Kaayyoon waraqaa kanaa bara 1991-2016 milkaa‟ina barnoonni Afaan Oromoo
argateefi mashaqqalee isa quunname ibsuun galchoo „implication‟ isaan barnoota
afaanichaarratti qaban baasuudha. Kaayyoo kana milkeessuuf, ragaaleen maddeen
jalqabaafi lammataarraa funaanamanii jiru. Maddi raga jalqabaa afgaaffii
dhimmamtoota waliin geggeeffamedha. Maddi raga lammataa ammoo kuusama
yaadannoo waggoota soddomaaf barreessaan of harkaa qabuufi kitaabota barnoota
Afaan Oromoo kutaa 5-12 bara 1996 barreeffamaniifi hojiirra turanidha. Ragaalee
dookumentiitiifi afgaaffiidhaan funaanaman qabiyyeewwan bu‟uuraa milkaa‟inaafi
mashaqqaalee barnoota Afaan Oromoo jedhan jalatti qoqqoodamuun ibsaman. Akka
ibsarraa hubatametti afaanicha barnoota afaaniifi afaan barnootaafi afaan hojii ta‟uun
milkaa‟ina seena-qabeessa. Gama kanaan afaanichi manneen barnootaa sadarkaa
tokkoffaa keessatti afaan baratamuufi ittiin baratamu, sadarkaa lammaffaatti afaan
baratamu ta‟uu bira taree afaanota qorumsa biyyoolessaa keessatti haammatamee ture.
Kun ammoo kutaa 11ffaafi 12ffaa keessatti xiyyeffannoo argachuun akka baratamuufi
barsiifamu taasise. Qoramanii warri yuunvarsiitii galanis sadarkaa kanatti beekumsiifi
dandeettiin isaanii madaalamee akka darbu taasise. Dabalataanis, kollejjoota keessatti
afaan sadarkaa dippiloomaatti baratamu ta‟uu qofa osoo hintaane, afaan leenjiis ta‟ee
tajaajilee jira. Kana malees, yuunivarsiitota keessatti hanga digirii sadaffaatti kennamuu
eegaluun milkaa‟ina guddaadha. Kitaabileen wabii, gaazexaan, asoosamoonnii ittiin
barreeffamuun, qorannoon ittiin geggeessamuufi barsiisonni kumaatamaan lakkaa‟aman
ittiin eebbisamanii maddaa galiifi eenyummaa taasisachuun milkaa‟ina. Mashaqaalee
barnoota afaanicharratti turan ammoo sodaa mootummaafi aangawoonni Oromoo
barataniifi barnoota afaanichaarraa qabaachaa turan bu‟uureffata. Ragaarra akka
argametti, dippiloomaan barsiisuu erga eegalee booda afaan leenjii akka hintaane ajaja
dabarsuun, digiriitti akka ol hinguddanne gufuu ta‟uuf yaaluun akka mashaqqaaleetti
hubatamanii jiru. Mashaqqaalee mudatan kanneen obsaafi beekumsaan dura
dhaabbachuudhaan, bakka rakkisaa ta‟ett immoo aarsaa kafaluun maqsuun akka
danda‟ame ragaalee argamanirraa hubachuun danda‟amee jira. Kanarraas, dhiibbaan
sirnaawaan barnoota Afaan Oromoorra ga‟aa turus kutannoo dhimmatootaatiin
sadarkaa kana ga‟e. Gaalchoon isaa sirni barnootaa Itoophiyaa Afaan Oromoo afaan
saayinsiifi teekinooloojii taasisuuf sadarkaa 2ffaa keessatti akka afaanichaan baratamuuf
danqaa waan ta‟eef, kutannoon siyaasaafi uummata Oromoo murteessaa ta‟uu
agarsiisa.
