Gahee Ergaan Afseenota (Oral Narratives) Kanaan Duraa Sochii Siyaas-dinagdee Oromoo Har’aa Keessatti Qaban

Authors

  • Filee Jaallataa PhD, Pirofeesara Ittiiqaa; Yunvarsiitii Addis Ababaa

Keywords:

Afseenaa, Afoola, Eenyummaa, Oromummaa, Sabbonumma

Abstract

Matadureen kun, gahee ergaan Afseenota (Oral Narratives) kanaan duraa sochii Siyaas
dinagdee Oromoo har’aa keessatti qabu xiinxaluurrattii xiyyeeffata. Kaayyoo kana
galmaan ga’uudhaafis gaaffileen bu’uuraa: Himamsi (orality)fi sochiin qabatamaa
(practice) siyaas-dinagdee Oromoo haal kamiin walsimee jira? Gara fuula duraas
fiixaan bahiinsa qabsoo kanaaf hammam tumsuu danda’a kan jedhan adda baasuu
irratti xiyyeeffatee gaggeeffamee jira. Fiixaan bahiinsa hojii kanaafis maddi qorannoo
mala sakatta’a barruutiin madda ragaa lammaffaa yommuu tahu, odeeffannoo dhimma
kana irratti xiyyeeffatan walitti qabachuudhaaf ammoo iddattoon akkayyoo keessaa
barruuwwan asfeenaa maxxansaalee adda addaa, beeksisoota, dhaadannoowwaniifi
barjaalee adda addaa irraa walitti qabachuun mala xiinxalli afseenotaatiin (narrative
analysis) gadifageenyyaan dhimma itti bahamee jira. Bu’aan qorannoo kanaa akka
ibsutti, afseenonni siyaas-dinagdee Oromoo irratti xiyyeeffatan waggoottan shantaman
as hayyootaafi qabsaa’ota Oromoon himamaa turan yeroo ammaa sabboonummaa
Oromummaa, tokkummaa uumuu irratti gumaacha guddaa akka qabinedha. Akkasumas,
miira abbaa biyyummaa Oromoo sammuu dhaloota haaraa keessatti kaneen uumaniifi
Oromoonni kallattii kamiinuu walcinaa akka dhaabbatan taasisuu irra darbee,
gabrummaa ofirraa fonqolchuuf xiiqii horuudhaan ga’e barsiisuu, gorsuufi dhoksuun
akka meeshaa waraanaa sagalee maleeyyiittii tajaajilaa akka jiran ragaaleen
qacceffaman ifoomsanii jiru. Karaa biraa, kallattii siyaasaan: Oromoon ofitti
amantummaa akka horatu, wallaalaa ofii akka barsiifatu/gorfatuufi kanneen hinbaranne
akka baratu, gabrummaa irratti tokkummaan akka fincilu, gita bittaa nafxanyootaa
ofirraa fonolchuudhaan bilisummaa dhala namaa akka lallabuufi leellisu, ofiin akka
ofbulchu, dinagdeedhaan akka ofijaaruufi ofcimsu, walcinaa akka dhaabbatu,
akkasumas, qabeenyi uumamaa Oromiyaa dursa Oromoof akka oolu afseenonni
hayyootaafi qabsaa’ota Oromoon darbaa turan finiina qabsoo siyaas-dinagdee Oromoo
har’aaf ciicataafi meeshaa guddaa akka ta’an bu’aa ragaalee xiinxalaman irraa
hubachuun danda’amee jira.

Published

2026-06-30