Ilaalchaafi Beekumsa Xabboo Oromoo Booranaa Eegumsa Naannawaarratti
Keywords:
Ilaalcha, hariiroo, uumama, xabboo, eegumssa naannooAbstract
Ijoon dubbii barreeffama kanaa hariiroo namaafi uumama naannoo giddu jiru keessaa eegumsa naannoowaa irratti ’environmental protection’kan jedhu ta’a. Qorannooleen dursoon ilaalchota warri Awurooppaa- uummatoonni jeebanaa- naannoowaa isaaniitiif qabaniifi akkaataa isaan itti eeggatan irratti kan xiyyeeffate ture. Waraqaan kun beekumsa xabboo uummanni jeebanaa eegumsa naannawaa isaaniitiif taasisuuf fayyadaman bu’aafi midhaa inni qabus adda baasuun isa Oromoo Booranaa adda baasuuf akka caayaa yaadrimeetti itti gargaaramee Jira. Malli qorannoon kun itti gargaarames akkamtaadha. Ragaaleen qorannichaaf ta’an kan funaanamanis yeroo qorataan kun waggoota sadiif Oromoo Booranaa gidduu deddeebi’aa turedha. Maddi raga qorannichaa maanguddoota Oromoo Booranaa yoo ta’an, meeshaaleen ragaan ittiin funaanaman ammoo af-gaaffiti, xiinxala dokimentiifi yaadannoo qabachuudha. Ragaaleen funaanaman ibsamanii, ibsa kana keessattis qorannoo adda addaa mataduree qorannoo kanaatiin walqabataniin walcinaa qabamanii ilaalamanii jiru. Ibsi
ragaalee funaanamanirratti taasisame akka agarsiisuti, akka Oromoo Booranaatti namniifi uumamni kaan qaama tokko. Kanaafuu, eegumsi namni naannawaa isaatiif taasisu, akka ofii isaatiif taasisetti fudhatama. Namni naannawaa isaa kunuunsuunis of kunuunsuudha jedhee amana. Waraqaan kunis beekumsiifi muuxannoon Oromoo Boorana kun yoo qoratame fakkeenyummaan gaariin inni qabu kan isa uummata jeebanaatiin waldeggeruun inni tokko qaawwa isa biraa duuchuun ykn hanqina isa biraa guutuun rakkoo nu mudachaa jiru furuu danda’a. Akkuma biyyaattiyyu beekumsifi muuxxannoon xabboo yoo fudhatama argatee barnoota hammayyaatiin walfaana kan barsiifaman ta’e, yaadrimee, yaaxxinnifi haalli qabatamaan uummanni keessa jiraatu walsimanii hanqinna/qaawwa walii duuchuun barnoota kennamu guutuu taasisa. Barnootni beekumsa jeebanaa irraa argamu eegumsa naannoowaatiif godhamu keessatti shoora guddaa qaba. Kun ammoo beekumsi lamaanuu walqaraa jijjiiramoota dhufan faana qorannoon gabbataa deemuu.
