Tarsiimoolee Sirnaawoo Adeemsa Barnoota Afaan Oromoorratti
Keywords:
Barnoota Afaan Oromoo, tarsiimoo, tarsiimoo xiqqessaa, tarsiimoo bayyaannachiisaa, tarsiimoo itti ladachiisaaAbstract
Kaayyoon waraqaa kanaa tarsiimoolee Ministeerri Barnootaa Itoophiyaafi Biiroon Barnootaa Oromiyaa barnoota Afaan Oromoorratti itti fayyadaman ibsuudha. Kaayyoo kana milkeessuuf, ragaaleen maddeen jalqabaafi 2 ffaa akkaayyoodhaan filatamanirraa marii garee xiyyeeffannoo, afgaaffiifi xiinxala dokimentiitiin funaanaman. Ragaaleen funaanamanis ibsamuun dhaabbileen barnootaa lamaan barnoota afaanicharratti tarsiimoolee xiqqeessaa ‘Minoritizing’, bayyaannachiisaa ‘De-minoritizing’fi itti ladachiisaa‘Re-minoriting’ fayyadamuun isaanii adda bahee jira. Tarsiimoo xiqqeessaan bara 1991 dura Afaan Oromoo galmoo alidilee keessattii ittisuuf Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa dhimma itti bahe. Tooftaan kun ilaanya (Ideology) ‘Afaan tokkoo-uummata tokko - biyya tokko,’ jechu bu’uureffata. Tarsiimoon bayyaannachiisaan ammoo barnoota Afaan Oromoo hubaatii irra gaherraa fooyyessuuf karoora bahee hojiirra ooledha. Qabsaa’onni, ogeeyyiifi hooggantoonni kutannoofi gahumsa qabaniin tarsiimoo kanatti fayyadamuun barnoota afaanicha sadarkaa amma irra jirurraan
gahan. Tarsiimoon itti ladachiisaa ammoo barnoonni afaanichaa deebi’ee akka xiqqaatuuf tooftaa sirnaawaadha. Tarsiimoon itti ladachiisaa Afaan Oromoo akka afaanota ambaatti(Ormaatti) akka baratamu taasisuunfi qancarsaafi quucarsa
sirnaawaa irratti raawwachuuf caayaa ta’e. Caayaan kun imaammata barnootaa Itoophiyaa kan afaan abbaa kutaa jahatti daangessu fiixaan baasuun afaanicha tuuta xiqqaa ‘subset’ Afaan Amaaraa taasisuuf tooftaa qophaa’edha. Kun ammoo, eegumsa ‘expectation’ uummatichi barnoota Afaan Oromoofi guddina afaanichaatiif qaburraa adda waan ta’eef, akka inni mootummaarraa amantaa dhabu taasisa. Gaalchoon ‘implication’ tarsiimoo xiqqeesaafi itti ladachiisaatti fayyadamuu Oromummaan akka hinbayyaannanne taasisuun ilaanya Itoophiyummaa akka duriitti deebisuudha. Gaalchoon tarsiimoo bayyaannachiisaa fayyadamuu ammoo ilaanya daneessummaa jaarraan 21 ffaa n barbaaduu hojiirra oolachuufi mirga afaanii Oromoo kabajchiisuudha. Barnoota afaanichaa eenyummaa Oromootiin walqabsiisuun barattoonni misooma
aadaa, siyaasaafi naannoo isaanii keessatti akka qooda fudhataniifi rakkoo uumamuuf furmaata waarawaa barbaadaniifis haala mijeessuudha.
