Xiinxala Rakkoolee Gulaallii Barreeffamoota Afaan Oromoo Seektaroota Mootummaa fi Manneen Daldala Dhuunfaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa: Sababootaa fi Miidhaawwan

Authors

  • Bashiir Eda’oo Waajjira Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti Dursaa Garee Hordoffii Raawwii Hojiiwwan Bulchiinsa Gaarii

Keywords:

Afaan Oromoo, gulaallii, seektaroota, manneen daldala dhuunfaa, sababootaa fi miidhaawwan

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa sababootaa fi miidhaawwan rakkoolee gulaallii barreeffamoota Afaan Oromoo Seektaroota Mootummaa fi Manneen Daldala Dhuunfaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa xiinxaluudha. Keessattuu, rakkoolee gulaallii barreeffamoota xalayootaafi barjaalee irratti kan xiyyeeffateedha. Qorannoon kun mala akkamtaafi iddatteessuu akkaayyoo kan fayyadame yoo ta’u, meeshaaleen ragaaleen ittiin guuraman immoo daawwanaa, afgaaffii fi sakkatta’insa ragaaleetiidha. Hirmaattonni qorannichaa ittigaafatamatootaafi barreessituuwwan seektarootaa, barreessitoota manneen maxxansaa fi abbootti isaanii yoo ta’u malli qaacceessaa immoo ibsaan ykn himaan ta’a. Bu’aan qorannoo akka mudhisutti seektarootaafi manneen maxxansaa biratti jechi gulaallii jedhamu kun hedduuminaan kan hin beekkamne ta’uu, gulaalaan kan hin jirreefi wantoota gulaalamuu qaban kan hin beekne ta’uudha. Rakkooleen gulaallii hedduun dubbiffamaa lama jalqabaafi xumura irratti barreessuu, dubbiiffamaa sadi walitti aansuun barreessuu. Sababoonni rakkoolee gulaallii barreeffamoota Afaan Oromoo seektaroota mootummaa keessatti mudhatan rakkoolee sirna barnootaa, rakkoo dandeetti barsiisotaa, rakkoo dhabamuu leenjii, rakkoo seer-lugaafi beekkumsa bu’ura Afaan Oromoo dhabuu (muxxannoo fi leenjii yeroo gabaabaatiin qofa hojjechuu), rakkoo xiyyeeffannaa afaaniif kenname, rakkoo ilaalchaa (afaan keenya ni beekna jechuu). Karaa biraatiin, sababoonni rakkoo gulaallii barreeffamoota Afaan Oromoo manneen daldala dhuunfaa biratti muldhatan immoo rakkoolee beekkumsa Afaan Oromoo barreessitoota manneen maxxansaa, rakkoo xiyyeeffannoo, rakkoo ilaalchaa (Afaan Oromoo barreessuun akkuma kan afaan Ingiliiziiti jechuu). Haaluma kanaan, rakkooleen gulaallii kun miidhaawwan yeroodhaa gara yerootti baayi’achuu dogongoroota barreeffamoota Afaan Oromoo seektarootaa fi manneen daldala dhuunfaa, akkuma barbaadanitti barreessuu, rakkoo siyaasaa gama barattoota manneen barnootaa, kolleejjotaa fi yuunivarsitiiwwan bulchiinsa magaalaa Asallaa keessatti argamnii fi naannoo Oromiyaa ta’aniiru. Kanaaf, akka yaada waliigalaatti, sababootaa fi

Published

2022-06-21