Mata-duree: Sirna Gadaafi Finnaa: Falaasama Xabboo Oromoo Wayyoomsa Diinagdee Keessatti

Authors

  • Gemechu Dadi Kotebe University of Education

Abstract

Xeerara: Qorannoon kun hariiroo Sirna Gadaafi finnaa (falaasama wayyoomsa diinagddee) ibsurratti xiyyeeffata. Yaada kana galmaan ga’uufis qorannoon kun mala qorannoo akkamtaafi mala iddatteessuu mit-carraa-hammargeefi iyyafannootti dhimma baheara. Af-gaafii, marii-gareefi sakattaan galmeewwanii ammoo meeshaalee funaansa raga qorannoo kanaa turan. Akka argannoo qorannoo kanaatti, yadrimeen finna ((economic) development) jedhu utubaalee Sirna Gadaa afran keessaa tokko. Falaasamni Sirna Gadaa wayyoomsa diinagdee biyyaa keessatti gahee guddaa qabaataa kan ture ta’us, lafa xiyyeeffannoo qorannoo osoo hin ta’in turee jira. Yaadrimeen “finna” jedhus iccitii haqummaa (equity) kan qabeenya eebba qabu, ifaajaan horatamefi dhaluu danda’u jechuu akka taa’e qorannoon kun adda baasee jira. Akkasumas, Sirni Gadaa akkuma siyaasa, hawaasummaafi amantiitti, finnaa (misooma diinagdee) fis umurii (age-set)fi gitaa (Gada Grade)n  waan mijeessu qaba. Kun ammoo Sirna Gadaa keessatti dhaloota irraa hanga dumaa/boqotaatti maarsaan adeemsa wayyoomsa diinagdee maal akka ta’e waan agarsiisu qaba. Akka qorannoo kanaatti, finni bakka lamatti qoodama; finna dhuunfaafi finna biyyaa. Finni dhuunfaa, sanyii sadeen jedhama. Isaanis ilmoo/birmaduu, (2) sanyii midhaniifi biqiltuu, (3) beelladaafi mallaqaa. Gaafa akka qabeenya walootti (biyyaatti) lakka’aman ammoo bakka shanitti qoodamu. Isaanis: (1) fiina namaa (human/social capital), (2) finna horii (financial capital)-sanyii/biqilaa/ midhaaniifi maallaqaa (3) finna lafaa/lafee (natural capital) (biyya- maasii, lafa margaa, bosona uumamaafi bishaan (lafaa-hambaa dhaloota), (4) finna durii (folkloric/cultural capital)-qabeenyaa aadaa darbaa dabarsaan dhufe (5) finna baraa (modern capitals) kanneen akka konkolaataa, daakaa midhaanii, tiraaktara, kombaayinaraa, bu’aalee kalaqaafi teeknoolojiifi kkf. hammata. Kunis iccitii yayyaba shaman gadaa kan kessatti mul’atu kan akka diinagdeen biyyaa fooya’u gumaachaa turee fi kan yeroo amma dhiibbaa haalawwaa Addunyaa (globalization)tiin dagatamaafi miidhaamaa jiru ta’uu qorannoon kun ifatti ibsa. 

Downloads

Published

2024-03-15